News Flash |Ayyaanni hundeeffamaa Dh.D.U.O waggaa 18ffaa guutuu Oromiyaa keessatti sirna ho'aadhaan kabajamaa jira.
 

Date:  7/28/2006
Source:  
Title:  Qonnaan Bulaafi Horsiisee Bulaan Mirgisaa Kabajame Humna Misoomaati

Lammii Kabbabaatiin

Gaaffiin mirgaa gaaffiilee kanneen biroo kamiyyuu ni dursa. Gaafii hangafa. Gaaffiin mirgaa otoo deebii hinargatiin hojiin misoomaa ni milkaa’a jedhanii yaaduun abjuudha.

Kanaaf, gaaffiin mirgaa duraan dursee xiyyeeffannaa argachuu qaba. Gaaffii mirgaa otoo hin deebisiin gaaffii misoomaa deebisuu yaaluun “dhama raasuurraa” addaan bahee hin ilaalamu.

Ummanni mirgisaa sarbame, namni mirgisaa dhiitame jiruufi jireenyisaa dukkanaa’aadha. Hamileedhaan hojii misoomaarratti hirmaachuu hin danad’u. Humna misoomaa ta’uunsaa hafee gufuu misoomaa ta’a. Guddinaafi misooma biyyaatiif gumaachuunsaa hafee ofiisaayyuu biyyarratti ba’aa ta’a. Kanaaf, gaaffiin mirgaa gaaffii kamiyyuu dura xiyyeeffannaa argachuu akka qabu kan wal nama gaafachiisu miti.

Qonnaan bulaafi horsiisee bulaan akkasumas qaamoleen hawaasaa kamiyyuu humna misooma biyyaa akka ta’an yoo barbaadame mirgi namoomaafi dimookiraasiisaanii haala duree tokko malee akka kabajamu gochuun beellamaan kan bira taramu miti. Dhimma kana gadi fageenyaan kan hubate Mootummaa Naannoo Oromiyaa mirgi qonnaan bulaafi horsiisee bulaa akkasumas kan hawaasa maraatuu akka kabajamu, gaaffiinsaa yeroo yeroodhaan, hatattamaafi dhawaataan deebii akka argatu xiyyeeffannaa cimaa itti kennee hojjechaa tureera, ammas hojjechaa jira.

Karoorri, imaammanniifi tarsiimoon mootummaan naannichaa baafatu qonnaan bulaafi horsiisee bulaa giddu-galeessa kan godhate, fedhiifi gaaffii hawaasaarratti kan hundaa’e, haala qabatamaa naannoo tilmaama keessa kan galche, akkasumas aadaafi haala qilleensa naannichaarratti hundaa’e kan qophaa’u waan ta’eef mirga hawaasichaa kan dhiibu miti. Kana waan ta’eef, hawaasichi keessumattuu qonnaan bulaafi horsiisee bulaan fedhii guutuudhaan irratti hirmaata, bu’aansaas dachaa dachaadhaan ta’a. Kunis har’a qabatamaadhaan mul’achaa jira.

Karaa biraammoo, qonnaan bulaafi horsiisee bulaan abbaan qabeenyummaa oomishaasaa shakkii tokko malee waan mirkanaa’eef hamlee guutuudhaan misooma keessatti hirmaachaa jira. Akka baroottan darbanii bu’aa oomishaasaarratti namni biraa hin ajaju. Oomishasaa akka sirni gabaa bilisaa ajajutti iddoo barbaadu geessee gatii barbaaduutti gurgurachuuf mirga guutuu gonfateera. Fedhiin Mootummaa Naannoo Oromiyaas, kaayyoonsaas qonnaan bulaafi horsiisee bulaan guutumaa guutuutti bu’aa misoomaasaarraa fayyadamaa akka ta’u, jiruufi jireenyasaa fooyyeessee misooma biyyaatiifis akka gumaachuu malee fedhii biraa akka hin qabne sochiisaarraa hubachuun ni danda’ama.

Waan kana ta’eef, Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojjettoota dirree misoomaa leenjisiisuudhaan ganda gandarratti ramaduusaarrayyuu dhiyootti gargaarsaafi leenjii akka argatan yaadee tokkoon tokkoo gandootaa keessatti wiirtuu leenjii qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa ijaaraa jira. Kana males, tajaajilli hawaasaa gara garaa manneen barnootaa, kellaawwan fayyaa, bilbilliifi ibsaan gandoota baadiyyaa hunda keessatti haala nama ajaa’ibsiisuun babal’achaa jira. Qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni oomishasaanii gara gabaatti geeffachuu akkka danda’an daandiin baadiyyaafi magaalaa walquunnamsiisu haala amansiisaadhaan diriiraa jira. Mootummaan karaa hundaanuu gaafiin hawaasaa deebisuurratti argama.

Kana qofaa miti, hawaasni tajaaila quubsaafi qulqullina qabu akka argatuuf jecha mootummaan bulchiinsa gaarii diriirsuuf yaalii cimaa erga gochuu eegalee oolee buleera. Gama kanaanis, bu’aan hanga yoonaatti argame quubsaa ta’uu baatullee jalqabbiin jiru haalaan abdachiisaadha.

Walumaagalatti, gaaffiin mirga namoomaafi dimokiraasii gaaffii kamiyyuu dura xiyyeeffannaafi deebii hatattamaa argachuunsaa ummanni naannoosaarratti ofiin of bulchuuf mirga guutuu gonfachuunsaa, qabeenyasaarratti ajajaa ta’uunssaa qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota qofa otoo hin taane qaamolee hawaasaa kanneen biroos onnee toosisee kutannoofi hamlee guutuudhaan gara misoomaatti akka seenan godheera. Gaaffiin bu’uuraafi hangafni gaffiin mirga namoomaafi dimokiraasii deebinaan hawaasni onnee guutuudhaan ka’ee yoomiyyuu caalaa humna misoomaa, mootora misoomaa ta’uusaa mirkaneessaa jira. Bu’aa nama ajaa’ibsiisu galmeessuurratti argama. Kanaafis, qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni Naannoo Oromiyaa gootota misoomaa jedhamanii dhiyoo kana guutuu Oromiyaa keessaa filatamanii Meedaliyaa badhaafaman ragaadha.


Date:  7/27/2006
Source:  Oromia Website
Title:  Qonnaan Bultoonniifi Horsiisee Bultoonni Naannoo Oromiyaa Hiyyummaa Injifachuun Akka Danda’amu Mirkaneessan

Injifannoon karaa kamiinuu argamu nama gammachiisa. Dirree lolaarrattis haa ta’u dorgommii ispoortiirratti injifannoo gonfachuun gammachuu daangaa hin qabne onnee nama keessatti uuma. Injifannoon diina biyya keenya bara dheeraa dararaa tureefi dararaa jiru hiyyummaarratti argame ammoo injifannoo injifannoo caalu waan ta’eef gammachuunsaas dachaadha. Gammachuu gammachuu caaludha.

Gootoonni misoomaa, qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni Naannoo Oromiyaa hojjettoota dirree misoomaafi teekinooloojii qonna ammayyaatiin deeggaramuudhaan, humnaafi qabeenyasaanii daguuganii hojii misoomaaf oolchuudhaan hiyyummaa irratti injifannoo galmeessisaniiru. Gootoonni misoomaa dhibba shanii ol ta’an kunneen bu’aa caalamaa galmeessaniifi baay’ina qabeenyaa horatan irratti hundaa’uun guutuu Oromiyaa keessaa filatamanii sirna badhaasaa Bulchiisni Mootummaa Naannoo Oromiyaa galma walga’ii Waajjira Muummicha Ministeeraatti qopheesserratti badhaafamaniiru. Gammachuusaaniis badhaasa meedaliyaatiin dhamdhamataniiru. Bua’aa hojiisaanii waan ta’eef isaanitti hin guddatu.

Qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni injifannoo isa jalqabaa hiyyuummaarratti gonfatan kunneen jiruufi jireenya dhuunfaasaanii fooyyeffachuurra darbanii qabeenya kuufataniin misooma ummataafi biyyaatiif tumsa gochuu eegalaniiru. Teekinooloojii qonna ammayyas babali’saafi beeksisaa jiru. Fakeenya gaarii ta’uudhaan qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota kanneen biroos onnachiisaa, misoomaaf dadammaksuurratti argamu. Kun gumaacha salphaa miti.

Gama biraatiin ammoo bu’aafi injifannoon qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaan argame kun imaamanniifi tarsiimoon misooma baadiyaa Mootummaan hordafaa jiru siirrii akka ta’e kan mirkaneesse ta’uusaa eenyumtuu hubachuu kan danda’uudha. Ammallee hanqinoonni darbanii darbanii mul’atan tokko tokko sirraa’anii imaamanniifi tarsiimoon misooma baadiyyaa mootummaan hordofu guutumaa guutuutti hojiirra yoo oole duulli hiyyummaarratti labsame shakkii tokko malee injifannoodhaan ni goolabama.

Injifannoon gootonni misoomaa Naanoo Oromiyaa dhibba shanii ol ta’an hiyyummaarratti galmeessisiisan kana tokkoon tokkoon qonnaan bulaa guutuu Oromiyaa keessatti argamus akka galmeessisu gochuuf tumsi mootummaan godhuufi carraaqqiin hojjettoonni dirree misoomaa godhan daran itti fufuu qaba. Yoo kana ta’e, guddina misoomaa walirraa hincinne fiduudhaan hiyyummaa bara dheeraaf hundee jabeeffatee jireenya gadadootiif ummata saaxilaa ture yeroo gabaabaa kessatti dhabamsiisuun akka dand’amu bu’aa qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni Naannoo Oromiyaa waggoottan darban sadan keessaa galmeessisiisan ni mirkaneessa.







Date:  7/19/2006
Source:  
Title:  “Waan Harreen Deemtuun Galti Goda Waraabessaati”

Bokkuu Gadaa

Waliigalteen dhihoo tana ABOn humnoota oftuultotaa kan akka Qinijjiitiifi Arbanyooch Ginbaar ofiin jedhan wajjin mallatteesse ummata Oromoo baayyee ajaa’ibsiisee jira. Dhalataan Oromoo hedduun gocha kanatti akka gadde hubachuuniis rakkisaa miti. Gocha ABO kanatti wanni gaddeef dhaaba kanaaf jaalala waan qabuuf miti kan nama gaddisiisu dhaabni kun karaa tokkoon maqaa Oromootiin of moggaasee “Bilisummaa”Oromootiifiin qabsaa’a jechaa humnoota Waanjoo gabrummaa waggaa dhibbaa ol ummata keenyarra ture deebisanii irratti fe’uuf wixxirfatan wajjin aannaniifi garaa ta’ee waliigaluu isaati.

Akkuma namni ija dhugaatiin ilaalu marti hubachuu danda’utti tarkaanfiin gaddisiisaan dhaabichi nafxanyoota maqaa Qinijjitiin gurmaa’anii, kan darbe isaan hanqatee ummata keenya jaarraa lammaffaaf gabroomsuu kajeelaniin michuufi jaala qabsoo ta’ee waliigaluun isaa waan akka tasaa mudatee miti. Dhaabni kun maqaa saba Oromoo faajjii daldalaa godhatee haa sochoo’uu malee amantiifi kaayyoon hogganoota isaa mirgaa fi haqa Oromoo miti ykn akka isaan halkanii guyyaa afaaniin lallabanitti yaaddoofi rakkoon isaanii bilisummaa ummata Oromootii miti.
Fedhiifi hawwiin hogganoota ABO bolola aangooti. Dhimmi guddaan isaan yoomiyyuu hindaganneef fi araaraaf hin dhiheessine aangoo qofa. Yoo ta’eef ummata Oromoo ummatoota biro irraa adda baasanii maqaa bilisummaatiin aangoo isaanii jalatti galchanii haraaraa taaytaa irratti bahuun kaayyoo jara kanaa isa olaanaadha. Karaa kanaan goftaan isaanii Shaabiyaan maqaa bilisummaatiin gabrummaa Mootomsee ummata Eertiraa akkamitti ukkaamsee,hacuucee, ollaa dhabsiisee humnaan bulchaa akka jiru muuxannoo qabu itti ibsuufi agarsiisuudhaan akka gargaaru shakkiin hin jiru. Akkaataa kanaan abjuun Oromiyaa walaba ijaaruu jedhee ABOn tarkaanfachiisu yoo milkaa’uu baate humna isa gargaaru wajjin tumsa uumee aangoo qooddachuuf tattaafachuun filannoo hoganoota ABO akka ta’e gochi isaanii ifatti mirkaneessaa dhufeera.

Tuutni hoggansa ABO yeroo ammaa dhaaba kana gaggeessaa jiru bolola aangoo guuttachuu kan isa dandeessisu yoo ittifakkaate humna kamiyyuu wajjin waliigalee sochoo’uuf of booda hin jedhu. Humni siyaasaa kun mirga Oromoo irratti dhaabbii ykn ejjannoo akkan qaba? Jedhee hin gaafatu. Kaayyoo ummataa galamaan ga’uuf na gargaara moo na hingargaaru jedhee akka of hin gaafanne duraanuu kaayyoo ummataa kan afaaniin ololuuf dubbatu malee kan dhugaan qabsaa’uuf hin qabu. Sammuun hogganoota ABO moora bolola dantaa mataa isaaniitiin hagoogamee waan jiruuf “Ummanni nutti aara, seenaan nu gaafata” jedhanii yaaduuf yeroo hin qaban.

Akkuma yeroo adda addaa ifatti mul’achaa turetti ABOn akka humna ummataa tokkotti tarsiimoo dhugaa diriirsee, ummata ijaaree ofii qabsaa’ee ummatichaas qabsoof sochoosee hin beeku. Dandeettiin isaa guddaan olola afaaniifi hanga laagaan isa goguu Oromoo! Oromoo! Jedhee qaaquu qofa. Qabatamaan ummataaf dhaabbachuu mannaa ummataafi qabsoo irraa fagaatanii baargama ceehanii qabsaa’ota Oromoo offakkeessanii lallabuu filatu. Ummata bira dhaabbatanii, wajjiniin jiraatanii rakkoofi gammachuu isaa qooddachuu mannaa diinoota ummataatti maxxananii, tajaajila bitamtummaa kennuu fi qabsoo ummataatti qoosuudhaan olola jeequmsaa hafarsaa ofiif gaaddisa naga’aa jala taa’uutu isaan gammachiisa.

Hogganoonni ABO fedhii ummata keenyaa kan hin beekaneefi beekaniis kan itti hin amanne ta’aniis dantaa aangoo mataasaaniitiif tarkaanfii salphina isaan gonfachiisu kamiyyuu fudhachuurratti laafoo akka hintahin adeemsi isaanii ragaa guddaadha. Akkuma namuu yaadatutti gaafa Mootummaan Isaayyaas Afawarqii Itoophiyaa werare “Shaabiyaan karaa Mootummaa qabannee araada aangoo bahuu itti dandeenyu nuuf mijjeessa” jedhaniiti qaanii tokko malee baandaa haarawa ta’anii balaaloo seenaatiif of saaxilan. Dantaa ummata isaanii dagatanii dantaa Eritiraatiif meeshaa ta’an. Ummanni Oromoo garuu saboota cuqurfamoo Itoophiyaa wajjin hiriiree gootummaadhaan daangaa biyyasaa kabachiisee shaabiyaafi ABO qaaneessuudhaan seenaa boonsaa galmeeffachuunsaa hin dagatamu. Mootummaan Shaabiyaa kan abjuu daa’imaatiin Itoophiyaa liqimsee Ertiraa guddittii ijaaruuf hidhatee nu weeraree turees gowwaa mudhii hinqabne dhiibee duugdaa cite ta’ee akka injifatameefi kana booda gocha akkasiitti yoo deebi’e waaroo salphina hamaa mudachuu malee tasa milkaa’uu akka hindandeenye sirriitti akka hubatutti adabamuunsaa ummata addunyaa hundaaf dhoksaa miti.

Haata’u malee “Gowwaan bakka itti bade warra see’a” akka jedhamutti hogganoonni ABO Shaabiyaa kaleessa ibidda ofii qabsiiseen gubatee ulee gootota keenyaatiin tumamee kufeefi har’a “hinduunee niin jira” jechuuf akkaa bofaatti biyyee arraabee mataa ol qabachaa jiruutti irkatanii tajaajila bitamtummaa kennuu ittifufuunsaanii bal’inaan mulachaa jira.

Akkaataa kanaan Daawwud Ibsaafi tuutni isaan hogganamu namoota ummata Oromootiif dhugatti quuqaman ofiirraa fageessanii cancala hoggansa ABO harkatti galfatan dhaaba kana guutuutti harka diinoota Oromootti galchuudhaan dhaabich tajaajila farra-mirga Oromoo bal’inaan akka kennu godhutti jiran. Isaaniis hojii gantummaa kana akka injifannootti fudhatanii akka gootaatti baallii kaahatanii, arraba dheeraa ittiin beekamaniin salphina isaanii hojii boonsaa fakkeessanii ibsa kennuu ittifufanii jiran. Namoonni ABO Shaabiyaa jalatti galchan kun qaama goftummaadhaan isaan bulchuuf ajajamuufi fedhii isaa guutuun dirqama isaanii waan ta’eef tajaajila gantummaatiin muuxannoo qaban hunda hojiirra oolchuuf tattaaffiin itti jiraniis haala dinqisiisaan itti fufeera.

Akkaatuma kanaan ABOn hoggansa Shaabiyaatiin humnoota nafxanyootaa wajjin waliigalee, qindaawee fedhii Ertiraan Itoophiyaa dadhabsiisuuf qabdu guutuuf haalli tajaajila biraa kennuu ittidanda’u dhihoo kana ifatti uumamee jira. Addi Bilisummaa Oromoo kan kanaan dura Oromoofiin qabsaa’a jechaa ture humna nafxanyootaa mirga Oromoo mulquuf Qinijjiit jedhanii ofmoggaasan wajjin tookkummaa uumee waliigaltee godhuusaa ifatti labseera. ABOn waggaa dabre yeroo nafxanyoonni maqaa filannootiin sirna nafxanyaa deebisuuf socho’aniis Qinijjiit deeggaruudhaan fedhii ummata Oromootiif dantaa akka hinqabne mirkaneessee ture. Har’a yeroo ummanni Oromoo nafxanyoota injifatee Oromummaasaa dagaagsuuf tattaaffii cimaa gochaa jiru kana ammoo ABOn tuuta Qinijjiiti kan “Afaan Oromootiin barachuun biyya diiguudha, siyaasaa sanyummaati...” jedhee mirga keenya nu mulquuf qabsaa’u wajjin yaadaafi gochaan tokko ta’ee hojjachuuf kutatee ka’uusaa labsuunsaa kuniis eenyummaasaa yoomiyyuu daran ifa godhee jira.

ABOn akkaataa kanaan yeroo hunda akka tiitisaa iddoo ajaa, fokkisaafi qaaneessaa biraa fagachuu dhabuunsaa baayyee gaddisiisaadha. Dubbiin duraan bade. Gaafa hogganoonni dhaaba kanaa ummata Oromoo irra Shaabiyaa filatanii Eritiraa keessatti galanii dhaabicha jaraaf gurguran ammoo daran fokkatte. Amma ABOn dhaaba Shaabiyaati. Hogganoonni ABO Shaabiyaan goftaa keenya jedhanii isa jalatti kufuunsaanii meeshaa alagaan akka fedhetti sochoosu isaan taasisee jira. Malli biraa hin jiru. “Waan harreen deemtuun galti goda waraabessaati jedhama.” ABOn Shaabiyaaf ajajamee, nafxanyootaan araaramee falmii farra Oromoo qindeessuu karaa qabsoo godhatee filachuusaatiin sammuu ummata Oromoo keessatti salphina guddaadhaan du’a siyaasaatiif of saaxilee jira. Kana booda ABOn siyaasaa Oromoo keessatti reeffa. Shaabiyaafi Qinjjiitis reefka kana qabatanii mirga Oromoo mulquufi biyya teenya jeequuf fedhiin qaban yoomiyyuu hin milkaa’u.


Date:  7/19/2006
Source:  
Title:  Tumsa Gantootaa fi Humnoota Nafxanyaa

Daawwud Ibsaa (ABO) + Hayiluu Shaawul (CUD) = Miniilik + Goobanaa Daacee

Dachaasaa Roorrootiin

Akka irra deddeebi'amee dubbatamuu fi beekamutti gamni seenaa darbe irraa barata. Haala kaleessaa ilaalee xiinxaleeti kan borii malata. Hamma danda'ametti dogoggorri kanaan dura seenaa keessatti mul'ate akka deebi'ee hin raawwatamne of-eeggannoo cimaa godha. Gowwaan garuu seenaaf dantaa hin qabu. Dogoggoraa fi yakki seenaa kanaan dura ture yoo kan isa fayyadu ittifakkaate deebi’ee raawwachuuf irraa of duuba hin deebi’u. Ittiis boonuu danda’a.

Akkaataan bifa gowwummaatiin ibsamu kun bifa bitamtummaa fi dantaa dhabummaatiiniis ibsamuu kan danda’uudha. Haalli kun seenaa fagoo dhiifnee adeemsuma siyaasaa biyya keenyaa baroota muraasa darbanii keessatti bal’inaan akka mul’ate hubachuun rakkisaa miti. Ejjannoon Addi Bilisummaa Oromoo maqaa tooftaa qabsootiin tarkaanfachiisaa jiru jecha kanaaf ragaa gaariidha jechuun nidanda’ama.

Dhaabni kun ilaalchaa fi gochaan ummata Oromoo biraa fagaatee Shaabiyaa tajaajiluu eega jalqabe waggoota muraasa lakkoofsiseera. Har’a immoo mooyxannoo gantummaa kana cimsee gara humnoota kaayyoo gabrummaatiif dhaabbataniif hojjachuutti tarkaanfateera. Kanaas utuu hin salfanne nutti himaa jira. Qabatamaan nafxanyoota wajjin waliigalee sochoo’uu akka jalqabees ifatti dubbachuu eega eegale bubbuleera. Tarkaanfiin kun akka sirrii ta’ee fi gamunummaa fi bilchina siyaasaa hogganoota ABOtiin kan irra ga’ame akka ta’ees galgalaa ganama himachaa jira.
Hogganoonni ABO tuuriistoota siyaasaa ta’anii Addunyaa irra naanna’aa jiran nafxanyoota Qinijjiit (CUD) fi Arbanyoochi ofiin jedhan wajjin gamtoomanii tumsa waliif ta’uu akkamitti akka danda’an yoo ibsan "tooftaaf dhimma itti ba’uuf jenneeti" jechaa jiran. Gantummaa isaanii maqaa tooftaatiin haqooqanii dhoksuu yaalaa jiran. "Tooftaadha", "tooftaadha" jedhanii dubbatu Qabsoon tooftaa qaba jedhanii adeemsa qabsoo keessatti barbaachisummaan tooftaa maal akka ta’e bifa haarawaan nu barsiisuuf hedduu dhama’aa jiran. Wallaalummaa fi gantummaa isaaniitiin yoo dhaadataniis ni dhaga’amu. Humnoota nafxanyaa wajjin irree tokko ta’anii mirgaa fi haqa Oromoo eegsisuuf ka’uusaaniitiis irra deddeebi’anii ibsuu itti fufanii jiran.

Akkaataan kun waan abbootiin keenya, afaanii fi funyaaniitu walitti dubbate jedhanii mammaakan tokko nu yaadachiisa. Gaaf tokko afaan waan hin fakkaanne mimmiidhagsee dubbata. Soba dhugaa hin fakkaanne fakkeessuuf irra deddeebi’ee afaan yoo dubbatu funyaan immoo gadi ilaalee isa dhageeffata jedhan. Booda garuu funyaan dubbii fokkistuu afaan dubbachaa jiru kana dhageeffatee, dhageeffatee yeroo obsa fixatu taajjabbiidhaan "yaa afaan akka itti ajooftu utuu beektee cal jettee siif irra wayya" jedheen jedhama.

Hogganoonni ABO tiis akka afaan sanaa waan hin fakkaanne nu amansiisuuf yaaliin gochaa jiran baayyee qaaneessaadha. Akka funyaan afaaniin jedhe sanatti "wanti nutti himaa jirtan nafxanyaa, nafxanyaa xiraa’a, tooftaan keessan tooftaa miti. Yoo tooftaa ta’ees dantaa Oromoo of keessaa hin qabu, Oromoo hin fayyadu" jennee ifatti itti himuun barbaachisaa ta’eera. Kanaafuu ijoolleen Oromoo marti waa’ee kana qajeellootti ilaallee ABO meeshaa nafxanyaa ta’aa dhufe kanatti dhugaa hadhaa’aa itti himuun dirqama keenya. Daldalli siyaasaa kun isaaniifiis bu’aa tokko illee buusuu akka hin dandeenyees cimsinee itti himuu qabna. Iddoo jirru hundattii lallabnee yakka ABO kana saaxiluun dhimma ariifachiisaa ta’uusaas hubachuu nu barbaachisa.

Har’a ABOn nafxanyaa wajjin firoomee Qinijjiit akka tumsa qabsootti fudhachuun isaa gocha gantummaa hiriyaa hin qabnee raawwachuusaa ifatti kan agarsiisu waan ta’eef dhaabbata siyaasaa ummata keenya ganee diinoota wajjin firoome kana sirriitti yeroon itti hubannu har’a ta’uu qaba. Qabsoo keessatti tooftaan barbaachisaa akka ta’e ni beekama. Kun waan akka haarawaa himamuu miti. Garuu tooftaan qabsoo akka ABOn jedhutti namaa fi seexaana jidduuttii miti. Sareen wal lolaa jirtu yoo waraabessi itti dhufe wallola ofii dhiifteeti gamtaan waraabessatti duulti. Eega waraabeessa ofirraa deebifte booda walitti deebiti. Garuu tooftaadha jedhamee sareen waraabeessaan wal taatee saree irratti ni duulti jedhanii nama amansiisuuf tattaafachuun gowwummaadha, bu’aas hin qabu. ABOn tooftaa saree kana illee wallaale. Nafxanyaan waraabeessa. "Haasofni waraabeessaa foon foon jedha" jedhama. Nafxanyaan waa’ee gabrummaa Oromoo malee waa’ee bilisummaa Oromoo sammuu itti yaadu hin qabu. Dubbachuu fi qabsaa’uus hin danda’u. Akka ABOn jedhutti nafxanyaa gowwaa sobaani akka meeshaatti yeroof dhimma ittiin ba’anii darban godhanii ilaaluuniis wallaalummaa guddaadha.

Walumaa galatti dhugaan waliigaltee ABO fi Qinijjiit duuba jiru dhoksaa miti. Addi Bilisummaa Oromoo yeroo tokko keessatti qabsaa’aa Oromoo ta’uu fi fira nafxanyaa ta’uu haalli itti danda’u hin jiru. Kaayyoon Oromootiifi kaayyoon nafxanyaa waliif faallaadha. Abiddaafi bishaani. Kanaafuu waliigalteen Daawwud Ibaafi garee Hayluu Shaawul gidduutti uumame waliigaltee Minilikii fi Raas Goobanaa jidduu ture wajjin garaagarummaa tokkollee hin qabu.

Tokkummaan ABO fi Qnijjiit jidduutti uumame shakkii malee daba (shira) qabsoo ummata Oromoo gufachiisuufi mirga ummanni keenya hamma ammaatti argate harkaa mulquuf diinoota keenyaan xaxameedha. Haa ta’u malee tooftaa dulloomaa fi boodatti hafaa kanaan ummanni Oromoo hin gowwoomu, hin dogoggoru, adeemsa jalqabe irraahiis of duuba hin deebi’u.

Tumsa ABOn humnoota nafxanyaa wajjin uume kana irraa waan guddaan hubannu humnoonni farra mirga Oromoo ta’an tooftaa geddarachaa fedhii isaanii guuttachuuf yoom iyyuu sochoo’uu irraa kan of hin qusanne ta’uu isaaniiti. Akkuma kaleessa Minilik Raas Goobanaa of dura qabee Oromoo gabroomsetti har’as injijiin sirna sanaa humnoota akka ABO of dura qabanii sirna bittaa gabrummaa deebisanii lubbuu horachiisuuf waan hin goone akka hin qabnees tumsa nafxanyootaa fi ABO jidduutti uumameera jedhamee nutti himamaa jiru kana irraa qajeellootti hubanneerra. Ittiis dammaqneerra. ABOn humnoota nafxanyootaa wajjin tumsa uumuu isaatiin kaayyoo Oromummaa ifatti ganeera. Dhiigaafi amantaa isaa geeddarateera. Shakkii tokko malee Adda Bilisummaa Oromoo ta’uunsa hafee Adda Balleessaa Oromoo ta’uusaatiis tarkaanfii ifatti fudhate kanaan yoomiyyuu daran mirkanaa’eera. Haa ta’u malee dhaabbanni kun dantaa fi fedhii ummata Oromoo nafxanyootaaf gurguruudhaan abjuu isaa fi goftootasaa galmaan gahuu tasa hin danda’u. Bu’aan tattaaffii gantummaa kanaatiis ummata keenyaa fi seenaa biratti salphina guddaa gonfachuu duwwaadha.


« Prev  1 | 2 | 3  Next »

 


 
 

|About Oromia|General|State Structure|Caffee|Executive|Judiciary|
| Resources | Natural Resources | Land | Forest | Water | Mineral | Soil | Energy Resources |
| Tourism | Eco-Tourism | Historical Attraction| Natural Attraction |
| Media | Articles | Afaan Oromo | English | Commenteries | Afaan Oromo | English | News | Afaan Oromo | English | TV | Radio | Map |
| Sectoral Development | Education | Health | Agricultural Development | Livestock | Crop Production | Agriculture |
| Irrigation Development | Water Resource Development | Infrastructure | Communication | Urban Development |
| Trade | Industry | Micro-Enterprise | Environmental Protection | Cooperative | Union | Association | Investment |
| Opportunities | Policy | Procedures | Incentives | Contacts |
Message to Diasspora | Afaan Oromo | English |

All right reserved for the State of Oromia National Regional State (Office of the President)