Date: 8/15/2005 Source: Weebsaayitii M.N.Oromiyaa Title: Jireenya Ummata Oromoo: Kaleessaafi Hara’a
Barri ni dhufa, barri ni darba. Ilmi namaas kan kaleessaa duubatti dhiisee, jireenya har’aa jiraachaa kan isa fuulduraa ammoo abdiin eeggachaa jiruufi jireenyasaa iittuma fufa. Yaraas ta’e gaarii, jireenyi keessa darban hin irraanfatamu. Ilmi namaas yaadaan duubatti deebi’ee kaleessa jireenya maal keessa akka ture xiinxalee jireenya har’aa wajjin waliin madaaluunsaa hin hafu. Kaleessa maal keessan turree? Har’a maal keessan jirraa? Borummoo maaltu na muudataa? gaaffiilee jedhan of gaafachuun isaa waan oolu miti. Kunis sababa malee miti. Isa darbe bu’uura godhatee, isa har’aarratti hundaa’ee isa boruuf mala dhawachuuf waan isa fayyaduuf.
Egaa kanarraa ka’uudhaan ummanni Oromoo kaleessa maal keessa turee? har’a haala maal keessa jira? boruuf ammoo abdii maal qaba? gaaffiilee jedhan kaafnee sakatta’uun barbaachisaadha.
Akkuma hundi keenyi beeknu ummanni Oromoo baroottan sirna gita bittaa darban keessa jireenya gadadoo, dukkanaafi sukaneessa keessa ture. Haqaafi dhugaansaa awwaalamee, eenyummaansaa dhokatee, mirga dimokiraasiifi namummaa sarbamee akka ilmoo namaatti otoo hinta’iin akka ilmoo bineensaatti lakkaa’amee jireenya gad aanaa jiraachuuf dirqamee ture. Of tuultoonni miseensota sirna gita bittaa darbanii ummata Oromoo akka ummata “doofaa, wallaalaa, aadaafi seenaa boonsaa” hin qabneetti lakkaa’uun itti kolfaa, itti qoosaafi itti ga’isaa turan malee hiyyummaafi gadadoo akkasumas wallaalummaa keessaa ummata kana basuuf (ofiisaaniiyyuu doofaadha) tattaaffiin isaan taasisan tokkollee hin turre. Kan isaan ciminaan hojjetan yoo jiraate seenaa, aadaafi eenyummaa ummata Oromoo dhabamsiisuu akkasumas qabeenyaafi dafqa Oromoo saamuufi ol aantummaa saanii ummata kanarratti mirkaneeffachuu ture.
Sirumaayyuu, lafa kanarra jiraachuu ummata Oromoo kan yaaddatan yeroo gibira walitti qabuun ga’uufi yeroo biyyattiin waraana keessa seentu qofa. Ummanni Oromoo maqaa adda addaatiin gibira isaaf faayidaa hin buufne bara dheeraaf kaffalaa ture. Walumaa galatti, humanaafi qabeenya ummata oromootti fayyadamuurraa kan hafe rakkoo hawaasummaafi dinagdee ummta kana furuuf qaamni socho’e hin turre. ummatichi dammaqee akka socho’u fedhii kan qabus hin turre. Kana gochuun hafeeyyuu, ummaani kun baraa hanga baraatti wallaalummaafi gadadoo keessatti akka hafu irratti hojjetamaa tureera.
Waan kana ta’eef, daabbileen barnootaafi fayyaa akkasumas tajaajilli adda addaa (ibsaa, bishaan qulqulluu, daandii, telefoona, …wkf) iddoo miseensonni gita bittaa ofiisaanii itti fayyadaman qofaatti daangeffamanii kan ijaaraman malee rakkoo ummata Oromoo hiikuuf wanti hojjetame tokkollee hin turre. Kun dhugaa eenyullee haaluu hin dandeenyedha. Walumaagalatti, ummanni Oromoo kaleessa mirga dimokiraasiifi namummaa sarbamuusaarrayyuu jireenya hiyuummaafi gadadoo jiraachuuf dirqamee ture. Waa lama dhabduu jechuun kana mitiiree? Ummanni kun yookaan mirga dimokiraasiifi namummaa gonfatee bilisummaan hin jiraanne yookaan ammoo jireenya badhaadhinaa hin jiraanne. Sirnoonni darban kana gochuuf fedhiis dnadeettiis hin qaban ture.
Har’oo!!! Har’a garuu, qabsoo cunqursaafi rakkinni cimaan dhale finiinee ummata Oromoo qofa otoo hin ta’iin sabaafi sablammoonni biyya kanaa mirga dimokiraasiifi namummaa gonfataniiru. Yoo xinnaatee xinnaate ummanni Oromoo wallaalummaafi boodatti hafummaadhaan tuffatamuufi arrabsamuunsaa hafee akkaataa inni hiyyummaafi boodatti hafummaa keessaa itti bahuu danda’u tumsi barbaachisaa ta’e caasaa mootummaatiin kallattii hundaan gargaarsi barbaachisu godhamaaf jira. kana malees, qabeenyaafi dafqasaa saamuu qofa otoo hin ta’iin rakkinasaa karaa hundaan jiru hiikuuf tattaaffii cimaafi walirraa hin cinne kan ummatichis bal’inaan iirratti hirmaatu taasifamaa jira. Dhaabbileen barnootaafi fayyaa fagootti hawwaa ture har’a qe’eedhumasaatti argachaa jira. Tajaajila ibsaa, daandii, bishaan qulqulluufi kanneen kana fakkaatan fagootti roora’aa ture har’a sadarkaa sadarkaan dhiyootti argachuurratti argama. Kamiyyuu caalaattimmoo mirga naannoosaarratti ofiin of bulchuufi qabeenya naannoosaarratti ajajuu danda’uunsaa injifannoo boonsaadha. Nama isa bulchuufi bakka bu’aasaa dhiibbaa tokko malee karaa haqaafi dimokiraatawaa ta’een filachuu danda’uunsaas injifannoo kan biraati. Afaansaatiin barachuun, ittiin hojjechuufi mana murtiitti ittiin haqasaaf falmachuu danda’uunsaa akkasumas aadaafi seenasaa akka isaaf tolutti guddufachuu, dagaagfachuuf mirga argachuunsaa injifannoo ajaa’ibsiisaadha. Injifannooleen kunneen qabsoo hadhaawaa ummatichi godheefi ijoollennsaa ummaticha keessaa bahan godhaniin kan argame malee samiirraa kan bu’e miti ykn kennaan kan argame miti.
Gara fuulduraahoo? Gara fuulduraattis taanaan qabsoon ummataa waan dhaabbatu miti. Muuxannoo jireenya kaleessaarraa argate isa har’aa waliin qindeessee gara fuulduraattis kaayyoofi fedhiisaa guuttachuuf ummatichi ni hojjeta. Daandiin misoomaafi dimokiraasii har’a baname kun caalmaatti dagaagee itti fufa malee waan duubatti deebi’uuf hinqabu. Ummaanni Oromoo carraa dimokiraasii gonfate kanatti fayyadamee mirga namummaafi dimokiraasiisaa kabachiifachaa mirgoota isa hafaniif karaa nagaafi dimokiraasiitiin ni falmata. kana gochuufis mirga qaba. Daandii qabsoo nagaa, misoomaafi dimokiraasii qabatee yoo godaane injifannoo inni hin gonfanne gonkuma jiraachuu hin danda’u. Kanaaf ammoo, bakka bu’oonni inni sagaleesaatiin of gidduudhaa filate isa maddi hiriiranii milkoomina kaayyoo ummatichaaf ciminaan akka hojjetan ni abdatama. Afootti, sirni dimokiraasii dhugaa, jireenyi badhaadhinaafi walqixxummaa ni mirkanaawa jennee eegna. Kun shakkii tokkollee hinqabu. Jireenya kaleessaafi har’aa yoo waliin madaalle.
|
|