Date: 11/8/2008 Source: Kutaa Weebsaayitii Title: Yaa'iin Waldaa Dubartootaa Naanoo Oromiyaa Hagayya 7-8, 2000 Gaggeeffama
Yaa'iin Waldaa Dubartootaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galama Abbaa Gadaatti Hagayya 7-8 bara 2000tti akka adeemsifamu Ad. Ayinaalam dura teessuun waldichaa ibsaniiru.
Akka Ad. Ayinaalam himanitti Guyyaa 6 irraa calqabee guyyaa 2f konfiransii gaggeeffamuun miseensoti waldichaa erga yaada addaddaa irratti mari'atanii booda guyyaa tokkoof ammoo yaa'ii gaggeesuun xumurama jedhaniiru.

|
Date: 7/17/2008 Source: Kutaa Odeeffannoof Weebsaayitii Title: Yaa’iin Idilee 9ffaa Bara Hojii Caffee 3ffaa Waggaa Sadaffaa Adeemsifamaa Jira
Magaalaa Adaamaa, galma Caffee Oromiyaatti kan adeemsifamaa jiru yaa’iin Cafee kun, gabaasa raawwii hojii bara 2000fi karoora hojii bara 2001 irratti kan mari’atu ta’uunsaa hubatameera.
Haasawaa baniinsaa Af-yaa’ii Caffiichaa Dr. Mohammad Hasaniin kan baname yaa’iin kun, gabaasa raawwii hojii bara 2000 Pireezidaantii B.M.N.Noromiyaa Ob. Abbaaduulaa Gammadaatiin dhihaatee akka irratti mari’atamus taasifameera. Maricharrattis kabajamtootni miseensoti Caffee gaaffiifi yaada adda addaa kaasuudhaan marii bal’aa taasisuun gabaasicha gamaaggamaniiru.
Keessumattuu dhimmoota walitti bu’iinsa daangaafi naannolee ollaa wajjin jiru ilaalchisee mariin bal’aa taasifamuusaafi dhimmichi xiyyeeffannaan itti kennamee akka rakknichi hundeedhaa fala argatu gochuun barbaachisaadha yaadni jedhus ka’eera. Mootummaan naannichaas dhimma kana irratti xiyyeeffannaa itti kennuun tarkaanfiiwwan addaa addaa fudhataa akka jiru ibsameera. Gabaasa dhihaates miseensi Caffee fudhatee akka ragga’us taasifameera.
Yaa’iin Caffee Oromiyaa kuns mirii isaa dhimmoota adda addaarratti fufuun guyyoota shaniif akka turu hubatameera.

Date: 4/28/2008 Source: O.I.P.R.B. Title: Wajjirri Liqaafi Qusannaa Oromiyaa damee Eeguu baatiiwwan darban sadeen keessaatti qarshii miliyoona 5 ol liqeessuusaa beeksise
Arsii – Ebla 16/2000
Godina Arsii Aanaa Muuneessaatti WAjjirri Liqaafi Qusannaa Oromiyaa Waajjira dame Eeguu baatiiwwan sadeenndarban keessatti qarshii miliyoona 5 ol fayyadamtootaf liqaa kennuusaa beeksiseera.
Obbo Damisee Abbabaa itti gaafatamaan waajjira dame Eeguu akka jedhanitti, baatiiwwan sadan darban keessatti qonnaan bultootaafi jiraattota magaalaa harka qalleeyyii ta’aniif qarshii miliyoona 5fi kuma dhibba 7fi kuma 20 ol liqeeffamuun himanii maamiltoonni liqaa fudhatan 2847 keessaa 719 dubartoota jedhaniiru.
Maamiltoonni kunneenis, qarshii liqiin fudhatan kanaan gabbisa beeyladootaa, bittaa sangaa qonnaa, sanyii filatamaa xaa’oofi hojiiwwan daldalaa xixinnaa kan ittiin adeemsisan yoo ta’u, hanga ammaatti qarshii kuma dhibba torbaafi kuma 13fi 757 kan qusataniifi kana keessaa qarshii kuma 81fi 520 abbootii qusannoof kaffalamuun himameera.
|
Date: 4/28/2008 Source: B.B.Q.U.O. Title: Pirojeektiin dubartoota Vaayiresii HIV waliin jiraataniif madda galii uumu xumurame tajaajila eegaluunsaa himame
Ambo – Ebla 16/2000
Godina Shawaa Lixaa aanaa Ambootti pirojeektiin madda galii dubartoota vaayiresii HIV waliin jiraataniif uumu deeggarsa “African women’s Development” jedhamu irraa argame qarshii kuma 100 oliin ijaarame xumuramee tajaajilaaf ooluunsaa ibsame.
Sirna eebba pirojeektichaarratti dura teessuun dubartoota vaayiresii HIV/AIDSii waliin jiraatan waldaa Megeem Leela Qen Newu” jedhamuu Aadde Beeteliheem Ashabbir akka ibsanitti, waldichi bara 1999 erga hundeeffamee kaasee dubartoota vaayiresii HIV/AIDSii waliin jiraataniif madda galii uumuu irratti hojii hedduu hojjechuusaa eeraniiru.
Aadde Beeteliheem dabalanis, gargaarsa dhaabbata “African Women’s Development” jedhamurraa argame qarshii kuma 100fi 495niin daldala meeshaalee barreessaa, meeshaalee tajaajila barreessaaf oolan kompuuteraafi tajaajila footoo kooppiif oolan dubartoota vaayiresii HIV waliin jiraataniif waldaa Abdii Jireenyaa jedhamuun gurmaa’aniif kan hojjechiisan ta’uu ibsaniiru.
Dubartoonni miseensa waldichaa ta’an 19 pirojeektii kanaan fayyadaman galii argataniin of gargaaruun dubartoota kaaniifis fakkeenya gaarii akka ta’an aadde Beeteliheem dhaamaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Amboo lafa hojiif ta’u kennuun deeggaarsa taasiseefis aadde Beeteliheem galateeffachuusaanii B.B.Q.U.O. gabaaseera.
« Prev 1 | 2 | 3 | 4 | 5 | 6 | 7 | 8 | 9 | 10 | 11 | 12 | 13 | 14 | 15 | 16  Next »
|